Jijjiirama jireenyaa fi milkaa'ina kee jalqabuuf bakka sirriitti dhufteetta.
Dhaabbani BNC (The Billionaire Next Chance) jijjiirama jireenyaa fi milkaa'ana olaanaa fiduuf kan hundaa'edha: BNC jechuun dhaabbata namoota dandeettii isaanii akka beekan, kaayyoo isaanii akka hubatan, fi jireenya isaanii gara fooyya’inaatti akka jijjiiran gargaaru dha. BNCn namoota yaada haaraa qabaachuu barbaadan, of jijjiiruu fedhan, fi fuuldura isaanii ofii isaanii ijaaruu barbaadan hunda ni deeggarra.
Dhaabbanni BNC namni kamiyyuu dandeettii dhokataa akka qabu amana. Haata'u malee Namoonni hedduun Beekumsaa fi diinagdeen badhaadhuun akka carraa namoota muraasa qofaaf kennameetti waan yaadaniif, dandeettii dhokataa qaban osoo hin hubatiinii fi baasanii itti hin fayyadamiin darbaniiru. Garuu dandeettin kun yoo sirriitti irratti hojjetame namni kamiyyuu jireenya isaa qofa osoo hin taane, Maatii hawaasa fi biyya isaa jijjiiru danda'a. Kanaaf kaayyoon BNC inni guddaan dandeettii dhokataa dhala namaa keessa jiru mul'isuu, barsiisuu fi jajjabeessuun gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruu irratti xiyyeeffata. ilaalchi "Milkaayinni carraadha" , "Milkaayinni Namoota muraasaaf" jedhu dogoggora. Asitti, “hin danda’amu” jechuun hin jiru. Carraan lammaffaa hundaaf banaa dha.!
Namoonni hundi dandeettii isaanii dhugaa akka beekan, abjuu isaanii amanamummaadhaan akka hordofan, fi maatii, hawwaasa isaanii fi biyya isaanii keessatti jijjiirama gaarii fiduu akka danda'an taasisuuf kakaasuu fi Onnachiisuudha.
BNC keessatti mul'anni keenya namni kamiyyuu gatii ofii isaa akka hubatu, dandeettii isaa akka guddisu, carraa ofii isaa akka uumu, fi jireenya kaayyoo qabu jiraachuun fuuldura gaarii ijaaru keessatti gahee isaa akka bahatu dha. Addunyaa kana irratti namni hundi beekumsa, dandeettii fi carraa isaa hubatee itti fayyadamuun, geengoo ittiin qabame keessaa ba’ee bilisummaa sammuu fi dinagdee horachuun jireenya hiika qabu akka jiraatu gochuudha.
Namoota hedduu gara milkaa’ina diinagdee fi hojiitti leenjiisun ceesisuu (Training & Awareness): BNC keessatti namoota hedduu dandeettii isaanii akka beekan, yaada isaanii akka jijjiiran fi kaayyoo jireenyaa akka qabaatan gochuu.
Dhaloota yaada kalaqaa fi daldalaa qabu uumuu:- Hawaasa milkaa’e ijaaruu (Successful Community): Hawaasa namoota yaada gaarii qaban, waliin hojjetan, fi waliif gumaachan ijaaruu.
Dhaloota of danda’an, jireenya dhuunfaa fi hawaasaa akkasumas biyya isaanii ijaaran horachuu:-Carraa hojii fi galii uumu (Income & Opportunity Creation): Namoonni BNC keessatti hirmaatan carraa hojii fi galii ofii isaanii ijaaruu akka danda’an gochuu.
Sammuu “billionaire mindset” babal’isuu:-Dhaloota haaraa leenjii cimaa qabu ijaaruu (Future Leaders): Dhaloota itti gaafatamummaa fudhatu, of danda’e, fi gaggeessaa ta’u ijaaruu.
Dhaloota addunyaaf bu'aa buusuu fi dhiibbaa guddaa uumu horachuu:- Dhaloota Jijjiirama jireenya dhugaa fiduu (Real Life Transformation): Namoonni BNC keessatti hirmaatan jireenya isaanii keessatti jijjiirama qabatamaa akka argan gochuu. Barbaadii of argadhu. Kaayyoo uumamteef beeki. Qabeenyi guddaan ati qabdu sammuukeeti. BNC (The Billionaire Next Chance)
1. BNC sirna jijjiirama jireenyaa irratti xiyyeeffata: BNC jechuun barumsa qofa miti — sirna yaada, ilaalcha fi jireenya namaa guutummaatti jijjiiruu dha.
2. Namoota akka kee gargaaruuf ijaarame: BNC namoota “ani nan danda’a?” jedhanii shakkaniif, akka “ani nan danda’a!” jedhanii of amanan godha.
3. Leenjii fi deeggarsa qabatamaa kenna: Yaada qofa miti — hojii irratti kan hirkatu, akkaataa itti milkaa’an qabatamaan barsiisa.
4. Network cimaa fi waliin guddachuu: Ati kophaa hin hojjetu — garee namoota kaayyoo walfakkaatu qaba waliin guddatta.
5. Carraa hojii fi guddina sammuu: BNC keessatti namoonni carraa hojii, galii fi guddina dhuunfaa argatu.
6. Jijjiirama dhugaa (Real transformation): Ergaa BNC : “Namni har’a jiru boriin isaa har'a caalaa fooyya’aa ta’uu qaba.”
Back to Home